Your browser doesn’t support HTML5
ABO fi Mootummaan Korma Qalatanii Araaramani Nagaa Labsan
Gumii araaraa fi nageenyaa har’a Yunivarsitii Amboo keessatti geggeessame irratti, hoogganoonni Adda Bilisummaa Oromoo fi Paartii Dimookiraatawa Oromoo araaramuu isaanii, akka aadaa Oromootti kormi qalamee tiruu wal-afaan kaa’uun labsanii jiran.
Gumiin Abbooti Gadaa ABO fi Mootummaan Walii Galchanii Nagaa Labsan
Gumiin Amboo kun gumii Tokkummaa Abboota Gadaatiin Wixata dabre kana Galma Aadaa Oromoo magaalaa Finfinneetti geggeessamee ture, kan hoogganoonni dhaabota lameenii wal-dhibdee isaanii itti himatanii fi koree waliigaltee isaanii hojiitti hiiku hundeeffatanitti fufee kan geggeessame tahuu isaa ti.
Gumiin Abbootii Gadaa ABO fi Mootummaan Walii Galchanii Nagaa Labsan
Koreen Teekinikaa walii-galtee dhaabota lamaanii qajeelchuu fi hojii irra oolfamuu hordofu kun, Abboota Gadaa, Haadhota Siinqee, Hayyoota, Bakka-bu’oota dhaabota lameenii fi qaamota hawaasaa adda addaa walumaa-galatti miseensota 71 of keessaa qaba.