Mootummaan Haaran Israa’el Waadaa Seene

  • VOA

Wagga 12-n darbeef Muumee ministeeraa biyya isiraa’el kan tureea Beenjaamiin Natinahuu anngoo gad lakkisanii Mootummaan haaraan Naaftaalii Beeneeetiin hogganamuu dilbata kaleesaa waadaa seenee hojii jalqabeera.

Muumichii ministeeraa haraan baraa natinaahuu 2019 hanga 2020 ministeeraa ittisaa ta’nii hojjataniiru. Nama wagga 49 kan ta’an Beeneet kan filannoo ammaa moo’uu danda’n paartiilee xixiqoo 8 wajiin qindoomina uumudhaan . Beenjaamiin natinahuun qindoomina kanaa fafacaasuudhaaf yaalii godhanus milkaa’uu hin dandeenye.

Natinaahuun hogganaa partii mormitootaa ta’anii itti fufu. Himannaa malanmaltummaadhaan isaan irrati dhiyaateen s of irraa fincilaa jiru.