Mootummaan Itiyoophiyaa Gatii Boba’aa Dabaluu Isaa Beeksise 

FAAYILII - Namoota gaazii jaarkikaanitti waraabachaa jiran, Muddee 7, 2022

Your browser doesn’t support HTML5

Mootummaan Itiyoophiyaa Gatii Boba’aa Dabaluu Isaa Beeksise

Mootummaan Itiyoophiyaa har’aa jalqabee gatii boba’aa sadarkaa biyyaatti gurguramurratti gatii dabaluu ifoomsee jira. Kunis kan tahe Ministeerri Daldalaa fi Indastirii, deeggarsi bittaa boba’aaf oolu kan biyyattiin waggaatti doolaara miiliyoona 800 itti baastu hafuusaa hordofee ta’uunis beekamee jira. Mootummaan deeggarsi maallaqaa kennamu, kanneen filataman - warra tajaajila geejjiba ummataa kennaniif itti fufa jedhus ogeeyyiin diinagdee garuu murteen kun yeroo kana keessa taasifamuun sirrii hin turre jechaan dubbatu. Barsiisaa Lammaa Urgee Dabalee Yuuniversitii Jimmaatti gaggeessaan Muummee Economiksii fi Biiznesii, tarkaanfii mootummaan amma fudhate kun qaalayiinsa diinagdee jiru fi rakkoo diinagdee biyyi keessa jirtu daranuu hammeessuu mala jechuun yaada kennan.