Mootummaan Itiyoophiyaa Seeraan Ala Namoota Hidhuu Dhaabuu Qaba: Amnestii Intarnaashinaal 

  • VOA

Hoteela Harmonii fi Hoteela Kaaleb jedhaman dhiheenya cufaman, FInfinnee, Adoolessa 15, 2021

Polisiin Finfinnee keessaa dhalattoota Tigraay seeraan ala hidhaa kan jiru ta’u kan ibsee gareen mirga dhala namaaf falmuu Amnestii Intarnaashinaal kunis Amajjii 28 bara 2021 magaalaan Maqalee to’annaa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay(TPLF) jala eega ooltee booda jedhee jira.

Hidhaan kunis gosummaa irratti kan fulleeffatee fakkaata kan jedhu Amneestiin kanas namoonni hdhamanii gadhiifaman, namoonni ijaan argan fi abukaatonni isaanii akkaataa itti polisonnii ituu gara hidhaatti hin geessiin dura galmee qaban irraa eenyummaa isaanii ittiin mirkaneeffataniin hubatan jedha.

Mootummaan Itiyoophiyaa seeraan ala namoota hedduu hidhuu kana akka dhaabuu, kanneen hidhaman hundumtuu battalumatti himannaan yakkii sadarkaa addunyaa beekuu akka irratti dhiyaatu, akkasumas yakka ilaalcha madaalawaa akka argatan ykn battalumatti haal duree tokko malee akka gadhiifaman gaafatee jira.

Kana malees mootummaan kanneen hidhaman eessa akka jiran maatii beeksisuun akka irra jiru, abukaatoo fo maatii isaanii waliin wal arguu akka danda’an mirkaneessuu qaba jedhee jira Amnestiin.

Seerrii Itiyoophiyaa akka jedhutti namnii harkii isaa to’annaa jala eega oolee sa’atii 48 keessatti mana murtii duratti dhiyaachuu qabu.