Oromiyaa Keessatti Leenjifamtoonni Ogummaa Artii Eebbifaman 

Your browser doesn’t support HTML5

Oromiyaa Keessatti Leenjifamtooonni Ogummaa Artii Eebbifaman

Giddu Galli Aadaa Oromoo fi Yuuniversitiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa ogeeyyii aartii godinaalee adda addaarraa walitti fiduun leenjisaa turan harra Shawaa bahaa Baatuutti eebbisiisanii jiran.

Diirekterri Giddu gala Aadaa Oromoo, Obbo Geetuu Birranaa, leenjifamtoonni kun deebi’anii godinaaleerratti leenjuma fudhatan aartii guddisuuf namoota kaan leenjisuuf akka jiran himanii, sagantaan kun ammas akka itti fufu dubbatan. Prezdentiin Yuuniversitii Naannoo Oromiyaa, Dookter Gerremuu Hulluuqaas leenjiin akkasii guddina aartii Oromiyaaf bu’aa akka qabu dubbatan.