Moqadishoo Keessatti Balaan Bombii Dhaqqabee Jira 

  • VOA

Moqadishoo Keessatti Balaan Bombii Dhaqqabee Jira 

Magaalaa Moqadishoo naannoo Taaleh jedhamuun beekamuutti, bombiin daandii cinaa Kamiisa kaleessaa dhohee lammiwwan Tarkii sadii fi shoofeera isaanii kan ta’e lammiin Somaaliyaa akka hamaatti mada’au polisiin magaalatti ibsee jira.

Qondaalli polisii iddoo balaan kun dhaqqabee irraa haallii kun uumamuu RSA mirkaneessanii jiru.Al shabaab raadiyoo ofii Andalus jedhamu irratti balaa kanaaf itti gaafatama fudhatee jira.

Lammiwwan Tarkii kanneen Somaaliyaa daawwatan irratti haleellaan ennaa dhaqqabu inni kaleessaa kun kan jalqabaa miti.Tarkiin somaaliyaa deebisanii ijaaruuf yaalii ta’u keessatti, humnootii nageenyaa leenjisuu fi projeektoota ijaarsaan keessatti qooda olaanaa qabdi.