Mormiin Raashaa Keessaa Akkasumas Hidhaan Jabaatee Jira 

Mormiin Raashaa Keessaa Akkasumas Hidhaan Jabaatee Jira 

Guutummaa Raashaa bakka adda addaa keessatti Dilbata kaleessaa hiriirrii gaggeeffame, putiin yukreen irratti weerara gaggeessee mormuun yoo ta’u, hanga ammaatti polisiin namoota 700 caalaan hidhamanii jiru.

Gareen OVD-Info jedhamuu fi yeroo mormiin gaggeeffamy lakkoobsa namoota hidhamanii hordofuu akka jedheetti, kaleessa galgala akka lakkobsa yeroo Oskootti dhiya keessaa sa’atii 12;30 irratti, magaalaalee Raashaa 37 keessatti polisiin namoota hiriiran 745 hidhee jira.

Kanneen keessaa yoo xiqqaate 353 moskoo keessatti kan hidhaman ta’u gareen walabnii haala jiru faana bu’u kun ibsee jira.