Mucaan Maalkoolm Eksi duutee argamtte

  • VOA

Faayilii - Maliikah Shabaz sirna awwaala haadha ishii irratti bara 1997, Niiw Yoorki

Mucaan ogganaa mirgaa namoomaa yunaayitid Isteets ture Maalkoolm Eksi/ Malcolm Eksi Maliikah Shabaz mana ishee magaalaa Niwu yoorkitti argamu keessatti duutee argamtee.

Akka poolisoonni jedhanitti , nama wagga 56 kan taate Mailikaah Shabaaz duuti ishee kan uumamaa ti. Maliikaahniif obboleetiin ishee lakkuun Malaak ijoollewan Maalkoolm Eksi keessaa warren quxisuudha.

Maalkoolm Eksi harka namaatti kan ajjeefame Guraandhala 21bara1965 yemuu ta’uu, namoottan ajjeechaa sana raawwachuudhaan shakkaman 3 keessaa Muhammad Aziiz fi yero amma kan lubbuudhaan hin jirre Khalil Islam himannaan isaan irratii dhihaatee ture akka haqamu manii murtii Magaala Niwu yoork Maanhantenitti argamuu turban darbee murteesuun isaa gabaasameera.