Muummicha Ministiraa Itoophiyaa: Mootumman Federaalaa Waan Ta'e Kanaaf Ummata Keenya Dhiifama Gaafata

Muummicha Ministiraa Itoophiyaa Obboo Haylamaariyam Dassaalany

Mummichii Ministira Itoophiyaa, Obboo Haylamaariyam Dasaalany hasahaa paarlaamaa biyaattii irratti Kamisa darbe godhaniin Oromiyaa fi biyyattii iddoo tokko tokkotti haala ummameen hubaatii gaheef dhiifama gafatan.

“Gaafii ummataa fi fedhii dargaaggootaa karaa irraa gorsiisuu dha farreen ummataa -han dhiphummaa fi oftulummaa - socho’anii lubuu namaa, qabeenya ummataa fi mootummaa irra hubaatiin gaheera. Mootummaan Fedeeraalas waan ta’e kanaaf ummata keenya dhiifama gaafata,” jedhaniiru.

Karaa biraatin hasahuma Paarlaamaa biyyattii godhan kanaaratti, namoota hojii dhaabbataa qaban irra buusii insuuraansii fayyaatii ooluu ji’a ji’aan muruu fi shufeerota seeraa tiraafikii cabsaan irratti qabxii galmeessu jalqabuuf labsiin bahe ammaf hafuu isaa Mummichi Ministiraa kun beeksisaniiru.

Obbo Haylemaariam, “labsii qofa odoo hin tai’n akkataa labsiin kun itti rawachiifamu irrattis sirritti hojjatamuu qaba,” jedhaniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaabaasa Sagalee....