Naayijeeriyaa keessatti manneen barnootaa keessaa ijoollee butanii fudhachuun hammachaa waan dhufeef maatiin ijoollee manneen Barnootaatti erguu dhaabneerra jedhan. Haalli diinagdee Naaayijeeriyaa keessaa hammaachaa dhufuu hordofee namoonni butamanii isaan gadhiisiisuuf maallaqa gaafachuun guyyaa guyyaan ta’eera jedhu jiraattoonni.Gaafa bitooteessa 7, bara 2024 Naannoo Kadunaa magaalaa Kurigaa keessatti baratootnii f hojjettoonni manneen barnootaa baay’inni isaanii 286 ta’an namoota hidhataniin butamanii fudhatamaniiru. Namoota butanii fudhatan kanaafais maatiin maallaqa Naayijeeriyaa Neeyiraa biiliyoona tokko ykn Doolaara kuma ja’aa fi digdama kaffaluun akka gadhiisiifatan gaafatamaniiru.
Naannooma Kadunaa bakka Budaa jedhamuuttis gaafa Bitootessa 11 Wiixata darbe galgala namoonni 60 butamanii fudhatamuu Roobii kaleesaa Jiraattoonni madda Oduu Riyooteersiif himaniiru.
Namoonni hidhatanii namoota butanii fudhan kunneen kun maatii fi hawwaasa naannoo qusannaan isaa gadi bu’aa ta’e qabeenyota isaa gatii baasan kanneen akka lafaa , loon fi midhaan isaanii gurguruun ijoollee isaanii maallaqaan gadhiisifachuuf dirqamaniiru.
Naayijeeriyaatti Daayireektara dhaabbata Ameenisti Inteernaashinaalii kan ta’an Issaa Sanusii maatiin ijoolleen isaanii jalaa butamanii fudhatamuun waan hammaateef yoo xiqqaate daa’imman miiliyoona 10.5 manneen barnootaa deemaa hin jiran jedhaniiru. Akka argannoon keenya agarsiisutti bara 2021tti qofaa daa’imman 780 ol butamanii maatiin maallaqa kaffalanii akka gadhiisisan dirqamsiifamaniiru, bara 2022 ttimmoo manneen barnootaa 700 ol cufamaniiru jedhaniiru.
Hoogganaan humna Poolisii Naayijeeriyaa Kayodee Egbetokun fi bulchaan Naannoo Kadunaa Uba Sanii kibxata darbe bakka baratoonni fi hojjeettooni manneen barnootaa 287 itti butamanii fudhataman wayita daawwatanitti
humnoonni poolisii haaraan 300 eegumsa naannoo kanaaf taasisanii fi warra humnaan nama butanirratti tarkaanfii fudhachuuf ramadamaniiru jedhaniiru.
Mootummoonni Naayijeeriyaa wal duraa duubaan gara aangootti dhufan loltoota bobbaasuun bakkoota dhokatoo gareewwan hidhannoon namoota butan kanaarratti tarkaanfii fudhatanis Naayijeeriyaa naannoolee Kadunaa, Zamfaraa fi Katsinaa keessaatti namootni butamuun hin dhaabbanne.