Nageenya Maqalee Keessaa Kan Ilaaleen Mootummaa Ibsa Baase Irratti ABUT Mormii Dhiyeessee Jira

  • VOA

FAAYILII. - Magaala Maqalee, Naannoo Tigraay, Amajjii 5, 2020

Magaalaa Maqalee bakkeewwan Raayyaan Ittisa Biyyaa hanga ammaatti hin geenyetti yakki gurmaa’ee raawwatamaa akka jiru ragaaleen bahaa jiru jechuun Mootummaan Federaalaa beeksisee jira.

Yakkamtoonni kana gaggeessan gocha irra daddarbaa isaanii kanaaf haala ce'umsaa jiru fayyadaman jedhee, Keessumaa magaalaa Mekelee keessa tti saamichi gurmaa'e sakatta'iinsa hidhannoo waliin raawwatamaa jiraachuu isaa gabaasni itti fufiinsaan ni agarsiisa jechuun ibsi Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa baase hubachisee jira.

Kanaafis jecha,yakkamtoonni sun ni gaafatamu jechuun Mootummaan federaalaa dhaadatee jira.

Dubbi himaan Adda Bilisummaa Uummata Tigraay(ABUT) Obbo Geetaachoo Redaa ibsa mootummaa baase kanaaf mormii qaban Twitarii ofii irratti ibsaniiru.

Balaa nageenyaa nuti furuu hin dandeenye, kan ummanni keenya furuu hin dandeenye, eebyu iyyu furuu hin danda'u, namni biraa hin furu" jechuun Tiwiitara isaanii irratti barreessan.

Guyyoota muraasa dhufan keessatti Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa Maqalee akka seenuuf jiru gabaasalee hin mirkanoofne ni ibsu.

Akka waliigaltee nagaa Piritooriyaa keessatti mallattaa’e keewwata 6ffaatti,

Raayyaan ittisa biyyaa fi waajiraalee mootummaa dhimmi ilaallatu biroon hatattamaan, haala salphaan, karaa nagaa, fi qindoominaan gara Mekellee seenuu jedha.