Namni Jeneraal Saa’iree Mekkonnen Ajjeese Hidhaa Umurii Guutuun Adabamuu Manni Murtii Federaalaa Beeksise

  • VOA

Sirna geggeessaa Jeneraal Saa’iree Mekkonnen(suuraa faayilii)

Manni murtii federaalaa ka Finfinnee kan itti gaafatamaa raayyaa ittisa biyyaa duraanii Jeneraal Saa’ire Mekonnin ajjeese Mesaafint Xigaabuu, hidhaa umurii guutuu itti muree jira. Jeneraal Saa’ireen, Amajjii 22 bara 2020, hiriyaa isaanii Jeneraal Gezaa’ii Aberraa waliin mana ofii keessatti ajjeefaman.

Prezidaantiin naannoo Amaaraa kan yeroo sanaa fi gorsaan isaanii gameessi akkasumas abbaa alangaa muummicha naannoo sanaa dabalatee guyyuma sana ajjeefaman. Mootummaan akka jedhetti biyyattii keessatti jeeeeqama, waraana keessatti immoo adda addummaa uumuuf haleellaan qindoominaan raawwatame jedhee jira jechuun kennedy Abate Finfinnee irraa gabaaseera.