Namoota Mana Murtii Duratti Otuu Hin Dhiyeessiin Ajjesuun Hafeera.

  • Jaallannee Gammadaa

Mummichi-ministeera Itiyoophiyaa Mallas Zeenaawii,magaalaa Niwuyoork keessa ka jiru Yunivarsitii Kolombiyaa keessatti, eega haasawaa godhanii booda, gaaffii dhiyaateef deebii kennanii jiran.

Filannoo yeroo darbee gaggeeffameen, barcuma paarlaamaa dhibba irraa harka 99.6 akkamiin akka argatan gaafatamanii,sagalee seeraan barbaadamu san caalaa waan arganneef akkasumas hojii misoomaa waggoota darban 7 keessa gaggeesinetu, injifannoo kanaaf gumaache, jedhu.

Uummata Itiyoophiyaa waan gammachisuu gaafatamanii, Iyyummaa dhabamsisuu fi wabii nyaataa eegsisuun gammachuu isaaniif fiduuf ka gumaachu qabaachuu mala, jedhan. Mootummaa IHADEG fi kan Mangistuu durii gidduu adda addummaa jiru gaafatamanii, bara Dargii maqaa “Goolii Dimaa“ jedhuun, namoonni mana murtii duratti otuu hin dhiyeeffamiin ajjefamaa turan, yakkaa fi cunqursaan akkasii amma du’eera, deebi’ees hin dhufu, jedhu Obbo Mallas.

Guutummaa isaa MP3 tuquun dhaggeefadhaa.