Akkoon isaanii Oromoo kan taate Dr.Neeveel Aleksaandar Du’an Boqotan.
Jaallannee Gammadaa
Dr Neeveel Aleksaandar
WASHINGTON DC —
Ijoollee Oromoo Bara 1888 gabrummaan gurguramanii gara gabaa Jeddaatti ituu geessamaaa jiranii, Humnii galaanaa Briteen kan yeroo sana naannoo Edeen to’ataa ture, giddu seenee ijoollee kana Birmaduu baase. Kanneen gabrummaan qabaman kun 204 yoo ta’an kanneen keessaa ijoolleen 183 turan.Ijoollee kana keessaa 64 gara Afrikaa kibbaatti ergaman.Shamarraan 22 fi dhiira 42 turan.