Obomboleetti Hamtuun Gara Floridaatti Qajeelaa Jirti

  • VOA

Hobomboleettii Dooriyaan

Uummanni Bahaamas keessaa halkan hamaa kan dabarsan yoo ta’u kunis obomboleettiin Doriyaan handaara odoola Grand Bahama irra bufatee qilleensa hamaa, rooba jandoo fi lolaa bishaaniin dhahaa waan jiruuf ta’uun beekamee jira.

Obomboleettiin Doriyaan iddo jedhame kana bufachuun Dilbata darbee galgala yoo ta’u Wiixata kaleessaa gara guyyaa Xiqqoo sosso’uu jalqabe.Raagdoonni qilleensaa akka jedhanti obomboleettiin kun Kibxata har’a guyyaa sosso’uun kutaa Yunaaytid Isteees kan taate Floridaa sodaachisaa jira.

Bhaamaas gama kaabaa keessatti haala gaddisiisaa keessa jirra kan jedhan mummichi ministeera biyyatti Hubert Minnis kaayyon keenya amma namoota barbaaduu, baraarsuu fi bayyaanachisuu dha. Naannoo balaa kanaan dhahamaniif akkasumas namoota hojii baraarsaaf jalqaba ba’aniif waaqayyoon nu kadhadhaa jedhan.

Wiixata kaleessaa tuuta oduuf akka ibsanti odoola Abakoo keessatti namoonni 5 du’u mirkaneessanii turan.Balaan dhaqqabees hamaa ta’u ibsan.