Ogeeyyiin Miidiyaa Tibbana Itiyoophiyaa Keessatti Hidhaman Akka Hatattamaan Hiikaman Gaafatame  

  • VOA

Maaykirafoonii isuudioo keessaa mullatu (suuraa faayilii)

Koomishinarri Koomishina Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa, Daani’eel Beqqelee, gaazzexeessonnii fi ogeeyyiin miidiyaa dhiheenya kana Itiyoophiyaa keessatti qabamanii hidhaman hatattamaan akka gad-lakkisaman waamicha dhiheessanii jiran.

Koomishinarichi akka jedhanitti lakkoobsi gaazzeessotaa fi ogeeyyii miidiyaa tibbana hidhamanii 16 gahee jira. Qabinsii fi hidhaan raaw’atame kun kan “seeraa ala geggeessame” jechuun hubachiisan – Hoogganaan Koomishina mirga namoomaa Itiyoophiyaa kun.

Gama biraatiin, miidiyaa interneetiin tamsaasamu “Ethio Forum” irraa Yaayyeesew Shimalis har’a mana murtiitti dhihaachuu isaa, Kenedii Abaatee Finfinnee irraa gabaasee jira.