Olloota Finfinnee Rakkoo bisaanii himachuutti jiran keessaa tokko, Askoo

Hanqina bishaanii Finfinnee fi naannoo

Finfinnee olloota tokko tokkotti bisaan gama tokko torbaanitti,gama kaan guyyaa lamaa fi sadii turaa dhufanii sunu yoo ibseen hi njirre hin dhufan..

Yoo dhufanillee ganamaa fi galgala horofaan waraabbatan.Akka bulchootii Itoophiyaa jedhanitti ammoo bokkaa silaa ganna dabre roobee haroo guutuu maletti hin roobiniif bisaanilleen rakkoo tahan.

​Olloota Finfinnee bisaan dhabanii rakkachuutti jiran keessaa tokko, Askoo.Jara ollaa Askootti dhiyaatu qubatu keessaa tokko obboo Baayyuu:

”Asi rakkoo bisaanii guddootti jira. Akkana jechuun ammoo bisaan haga ollaa walti aanu bilookii afreesso hin dhufan.Hardha ollaa garanaa bori ammoo ollaa garasiitti argataa jechaa bisaan warabanna. Ganama saatii afuritti bananii hagi bori saatii afurii waraabbattan.Namii hagii tokko jarkeenii hedduutti kaan ammoo roottootti waraabbatee borii oli keeyyata.Ani ganna tokkon duratti ollaa kanatti qubadhee eegii ani argee asitti haga hardhaallee marro marroon bisaan waraabbanna.”

​Warrii Askoo jiraatu ka akka aaddee Bizuyyee Tesfaayee faalleen ibseen jiraachuu baannaan bisaan hin jiranii jedha.

“Durii bisaan guyyaa sadi sadiitti dhufanii amma ammoo yoo ibseen hin jirre hagas caalan.Yoo argachuu baanne ammoo barbaada yaana.Rakkoon tun guddoo turte.”

Abbaan taayitaa bisaanii Finfinnee ollaa Askoo tana faluuf fulaa bisaan warabataniif karaa Askoo irrratit jaare Ammajii 26, 2008 jalqabee bisaan keessaa waraabbachutti jiran jedha. Aaddee Alemtshehaay Tesemmaa warra ummataa bisaan qoodu keessaa tokko.

“Abbaan taayitaa bisaan Finfinnee roottoo dhaabee ummata bisaan qooda. Jarkeenii tokko beesee ykn saantimii 20 gurgura.Ollaa Adis Sefer,Saansuusii fi ollaa hedduutti asi waraabbata.Gudoo faaydaa irraa argatan. Bisaan amoo haga guddaan yoo ibseen hin jirre badan.Yoo tokko tokko ammoo namii adoo ibseelleen hin banne kuno bisaan dhamnee guyyaa 5, 10, 15 keessa jirraa jedhee rakkoo himata.”

Namii mana shaayii qabu ka akka aaddee Messelechi faatii bisaan torbaanitti guyyaa lama sadii dhufaa liitirii tokko birrii tokkoon bitannee gurguranna jetti.

“Sunuu bisaan ganamaa fi galgala waraabbatanii malee guyyaa hin jiranii ani naannoo Oromiyaa Lakkuu dhufee achitti rakkoo bisaan hamttuutti jiraa jetti.”

Torbaan lamatti guyyaa tokko dhufanii boriyyaa ammoo hin jiran.Jalaa waraabbachuu baannaan ammoo hin rakkatta.Isuma asi[Askoo] wayya.Nu maatii shanii yoo bisaan achii dhamne Finfinnee dhandhee bar baadanna.”

Akka jecha bulchoota Itoophiyaatti rakkoo bisaan Finfinnee fi olloota isii bokkaa silaa ganna dabre roobee haroo guuttuu maletti hin roobiniif dhufte.