Omishinii seeraan alaa Boba’aa Naayijeeryaa yaaddeseera

  • VOA

Mootummaan waan gatii boba’aa ol kaaseef  wareen seeraan ala omishan irraa gatii rakasaan bitachuun akka isaan fayyadu jiraattonii dubbatu.

Naajeriyaa keessatti akkaataa seeraan ala ta’een namoottan Boba’aa cuunfan waan qileensaa faalaa jiraniif nageenyii namootaa yaaddesaa ta’uun isaa gabsameera.

Akka gabaasinii Timootii Obi’eezu VOA dhaf erge jedhutti kutaalee biyyaa Naayijeeriyaa warren omisha boba’aa qaban keessatti qaamooleen karaa seeran ala ta’en Jikita boba’aa hatuudhaan cuunfanii itti fayyadamuu irratti bobb’aniiru.

Wareen yakka kana raawatan lakkoofsaan namoottan 19 addaan baafachuu isaanii kan ibsan haangaa’onni mootumaa Naajeriyaa namoottan wareen yakkaan barbaadaman sana arganii mootummaatii himanuuf badhaasaa doolaara 5000 akka kennanus ibsaa jiru.

Karaa biraatiin mootummaan waan gatii boba’aa ol kaaseef wareen seeraan ala omishan irraa gatii rakasaan bitachuun akka isaan fayyadu jiraattonii dubbatu.

Gaafii uummataa kana deebisuudhaaf mootummaa bakkeewwan boba’aan itti cuunfamu warren haaromsaaf jechuudhaan cufamanii jiran banuudhaaf yaalii gochaa jirus malaanmaltummaan biyyatii keessa jiru rakkoo akka ta’ee gabaasameeraa. Najeeriyaan Afrikaa keessaa biyya omishaa boba’oo hedduu qabduu ta’uun ishee ni beekama.