KFO: Hoogganoota fi Miseensota Keenya Dabalee Hedduu tu Hidhaatti Guurame

  • Namoo Daandii

Bekele Nega

Itti-aanaa dura-taa’aan Koongiresa Federaalawa Oromoo – Obbo Beqqelee Garbaa, har’a galgala gara sa’atii kudha-lamaa fi walakkaatti mana isaanii Adaamaa jiru irraa qabaman - oduu jedhu dhaga’uu keenya dura, hoogganootaa fi miseensota isaa gameeyyii dabalee namoonni hedduun humnoota mootummaan kan hidhamaa jiran ta’uu, Kongiresiin Federaalawa Oromoo beeksisee jira.

Barreessaa jaarmayichaa – Obbo Beqqelee Nagaa akka ibsanitti, itti-aanaa barreessaan paartichaa fi ogeessi seeraa – Obbo Dajanee Xaafaa, har’a magaalaa Finfinnee, naannawa Giyoorigis jedhamutti qabaman.

Hoogganoonni fi miseensonni paartichaa, keessumaa kanneen filannoo biyyolessaa dabre irratti dorgoman martinuu hidhamanii jiran, jechuun ni danda’ama, jedhan – Obbo Beqqeleen. Aangawoota Poolisii Federaalaa Itidyoophiyaa fi ka Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa irraa himannaa kanaaf haga ammaatti deebii argachuu hin dandeenye.

Your browser doesn’t support HTML5

Guutummaa gaaffii fi deebii Obbo Beqqelee Nagaa waliin geggeessamee dhaggeeffadhaa