Wallaga Dhihaa, Magaalaa Calliyaa Keessatti Walitti-bu’insa Uumameen Barataan Tokko Ajjeesame

  • Namoo Daandii

Wallgga Lixaa, aanaa Guullisoo, Mana-barnootaa sadarkaa lammaffaa Calliyaa keessatti, kutaa kudha-lama barataa ka ture Guutuu Abarraa, walitti-bu’insa humna poolisii kora-bittimsaa wajjiin uumame irrattti rasaasaan rukutamee ajjeesamuu isaa fi barataan ka biraan Kennasaa Caalaa jedhamu rasaasaan Somba isaa dhawamee Hospitaala Ayiraa keessatti ka yaalamaa jiru ta’uu dubbatu, jiraattonni magaalattii.

Koomishina Poolsii Oromiyaatti, Itti-aanaa Koomishinaraa fi Abbaa deemsa hojii fi dhimmoota koomunikeeshinii Solomoon Taaddesee immoo, jeeqama magaalaa Calliyaa keessatti uumame sana keessatti barataan sun du’uun mirkana. Humna nageenyaa mootummaa irraa qofa otuu hin taane, gama kaaniis akka dhukaasamaa ture waan ta’eef eenyu akka ajjeechaa kana raaw’ate sirnaan qorannee tarkaanfii fudhanna, jedhan.

Rasaasaan dhawamee Hospitaalatti yaalamaa jira, ka jedhame barataa ka biraa Kennasaa Caalii jedhamu ilaalchisee garuu akka quba hin qabnee fi qulqulleeffatanii nutti deebi’an nuuf ibsan. Barattooonni fi jiraattonni akka jedhanitti, magaalaa Najjoo keessatti, akkasumas Walliisoo fi Tulluu_Boolloo keessatti hiriira geggeessame irratti tarkaanfii humni mootummaa fudhateen barattoonni garii hidhamanii, kaan madaawanii jiran. Itti-aanaa Koomishinaraa Solomoon immoo, hiriirri geggeessamuu isaa mirkaneessan iyyuu, barataan miidhames tahe hidhame hin jiru, jedhan. “Namoonni hidhaman garuu, kanneen dudduubaan barattoota jeeqamaaf kakaasani” jedhanii jiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi deebii geggeeffame dhaggeeffadhaa