Hiriira Mormii Godina Gujii fi Harargee Lixaa

  • Tuujubee Horaa

Hiriira Aanaa Gooroo Doolaa

Godina Gujii aanaa Gooroo Doolaa ganda Dhukkuu magaalaa Saraansar keessatti uummati har’a Hiriira nagaa geggeessuu isaa jiraattonni gandattii nuuf ibsanii jiran.

Kanneen hidhaman nuuf haa hiikaman, gumaan lammiiwwan keenya nu duraa du’anii nuuf haa baafamu, hidhaa fi ajjeechaan nu irraa haa dhaabatu, saamichi albuudaa naannoo keenyaa haa dhaabatu jechuu dhaan dhaadannoo dhageessisaa ooluu isaanii dubbatu jiraattonni kun.

Hiriira kana irrattis jiraattonni aanaalee naannoo jiranii walitti dhufuu dhaan irratti hirmaachuu isaanii illee nuuf ibsaniiru.

Hiriira magaalaa Saraansar keessatti geggeessame ilaalchisee gama mootummaan deebii argachuuf gara itti gaafatamaa waajjira DDUO kan aanaa Goroo Dolaa obbo Gammadaa Wareeti bilbillee waajjirri keenya waa’ee hiriira geggeeffame jedhame kanaa quba hin qabu nuun jedhan.

Godina Harargee Lixaa aanaa Doobbaa Araddaa Misraa chrfaa keessattis har’a uummati hiriira ba’uu isaa jiraattonni nuuf ibsanii jiran. Humnoonni mootummaa immoo nutti bobba’ee nu reebee kaan immoo hidhaatti darban jedhu. Mana namaa irra illee dhaan namoota nagaa reebanii kaan immoo hidhaatti darbuu isaanii jiraattonni araddaa Misraa chrfaa nuuf ibsanii jiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Hiriira Mormii Godina Gujii fi Harargee Lixaa