Oromiyaa:Lakkoofsi Itti Gaafatamtoota Oromiyaa Rakko Nagaan Wal Qabatee Aangoo irraa Kaafaman 300 Ga'e

  • Tuujubee Horaa

Alaabaa mootummaa naannoo Oromiyaa

Angawoonni Oromiyaa aangoo irraa kaafaman kun rakkoolee nageenyaa naannoo Oromiyaa keessaan wal qabateen ta'uu itti aanaan pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa, obboo Isheetuu Dasee beeksisaniiru. Itti gaafatamni kanneen aangoo irraa buusaman kanaa sadarkaa jidduu-galeessaa haga gadiiitti kan jiru ta'uu illee itti dabaluun ibsaniiru.

Hiriira mormii Oromiyaa keessatti geggeessame irratti itti gaafatama isaanii sirriitti hojii irra hin oolchine komeen jedhu aangoo irraa kaafamuuf sababaa ta'uun illee beekameera.

Itti aanaan prezidaantiin Oromiyaa kun tarkaanfiin wal fakkaatu kan itti fufu ta'uu beeksisan. Kanneen taayitaa irraa kaafaman hagi tokko itti gaafatama isaanii irraa kan ka'an ennaa ta'u kaan immoo taayitaa qaban irraa gad kan gad butaman ta'uu itti aanaan prezidaantichi dubbataniiru.