Hiriira Mormii Oromoonni Yunaayitid Isteets Keessaa Waajira Tokkummaa Mootummootaa Ka Niwu Yoork Jiru Fuul-duratti Geggeessan

Your browser doesn’t support HTML5

Hiriira Mormii Oromoonni Yunaayitid Isteets Keessaa Waajira Tokkummaa Mootummootaa Ka Niwu Yoork Jiru Fuul-duratti Geggeessan

Lammiwwan Oromoo magaalaalee Yunaayitid Istees hedduu keessa jiraatan har’a magaalaa Niwu Yoork keessa ka jiru waajira guddaa ka Tokkummaa Mootummootaa fuul-duratti hiriiruudhaan ajjeechaa, hidhaa fi dararaa hamaa humnoonni mootummaa Itiyoophiyaa barattootaa fi lammiwwan Oromoo kaan irratti geggeessaa jiru, jedhan mormanii jiran.

“Ajjeechaan barattoota Oromoo irratti geggeessamu haa dhaabatu! Tokkummaan Mootummootaa ajjeechaa Mootummaan Itiyoophiyaa ilmaan Oromoo irratti geggeessaa jiru dhaabsisuuf gidduu haa seenu! Gargaarsi Mootummaan Abbaa-irree Itiyoophiyaaf kennamu haa dhaabatu!” dhaadannoolee jedhanii fi ka biroo qabachuudhaan Oromoonni waajira Tokkummaa Mootummootaa duratti hiriiran, suuraalee barattoota Oromoo humnoota mootummaa Itiyoophiyaatiin ajjeesamanii fi madeessaman, jedhan illee qabatanii turan.

Barreeffamoota rakkoolee kana ibsan illee uummata naannawa isaanii jirutti raabsaa turan.

Your browser doesn’t support HTML5

Guutummaa gabaasaa kanaa dhaggeeffadhaa