Hiriirri Mormii Oromiyaa Keessa Ittuma Fufee Jira. Adaamaatti Nam Lama Du’uu Dubbatu Barattoonni

  • Namoo Daandii

Yunivarsiitii Saaynsii fi Teknoloojii Adaamaa

Hirriirri mormii har’a godinaa Harargee Lixaa, aanaa Masalaa magaalaa Masalaa keessatti geggeessamuu isaa dubbatu, barattoonni. Dargaggonni magaalaattii fi barattoonni mana barnootaa sadarkaa lammaffaa waliin ta’uun hiriira geggeessan kana facaasuuf humnoonni mootummaa federaalaa tarkaanfii fudhataniin barattoonni lama jabaa madaa’uu ka dubbatan, barattoonni, “konkolaataa dhuunfaatiin gara Hospitaala Ciarootti ergaman. Lubbuun jiraachuu fi jiraachuu-dhabuun isaanii iyyuu hin beekame” jedhu.

Hiriira Mormii Oromiyaa

Wallaggaa Bahaa, aanaa Giddaa Ayyaanaa, magaalaa Ayyaanaa keessa kanneen jiran – mana barnootaa sadarlaa lammaffaa fi ka qophaa’inaa keessatti barattoonni uffata gurraacha gadda mul’isu uffachuudhaan kaleessaa fi har’a hiriira ba’an irratti, “maaster pilaaniin Finfinnee fi magaalaalee Oromiyaa walitti-hidhuuf ba’e ni mormina jedhan. Hiriira kana irratti miidhaa dhaqqabee fi lubbuu dhala-namaa badeef mootummaan itti gaafatama fudhachuu qaba” jechuun dhaadannoo dhageessisaa turan, jechuudhaan jiraattonni magaalatti Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran.

Gama biraatiin kan kaleessa hiriirri mormii keessatti geggeessamee ture Yunivarsitii Adaamaa keessatti barattoonni lama ajjeesaman – jedhu, barattoonni Yunivarsitichaa fi jiraattonni magaalattii. Qondaalli Poolisii magaalaa Adaamaa garuu, kaleessa ganama jeeqamni ka’uu malee barattoonni reebamuus tahe ajjeesamuu akka odeeffannoo hin qabne dubbatu.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutuu armaan gaditti dhaggeeffadhaa