Hiriirri farra Master Planii Biyootii alaa keessatti Itti Fufe

HIriira Awstaliyaa keessatti geggeessame

Hiriira mormii naannolee Oromiyaa keessatti geggeessamu irratti barattootaa fi hawaasaalee hirmaatan irratti humnootii mootummaa Itiyoopiyaan tarkaanfii humnaa fudhatame mormuu fi akkasumas sagalee isaanii hawaasa addunyaa dhageessisuuf jecha lammiiwwan Oromoo Awropa fi Australiyaa keessa jiraatan har’a hiriira geggeessanii jiran.

Hiirira Mormii Hawaasa Oromoo, Amisterdaam

Kanneen Noorweey, Osloo, Awstraaliyaa magaalaalee Victoriya melboorn, Sidnii, Perth fi Adelaide keessatti hiriira geggeessaman irratti mootummoonni biyyoota isaan keessa jiraatanii deggersa mootummaa itiyoopiyaaf godhu akka dhaabu, mootummaan Itiyoopiyaas uummata nagaa irratti dararaa fi ajjeechaa raawwatu akka dhaabu dhiibbaa akka godhu xalayaa gaafatu paarlaamaa biyyoota kanatti kennuu isaanii qindeessitoonni hiriira kanaa ibsanii jiran.

Hiirira Mormii Hawaasa Oromoo, Noorweey

Gama biraan immoo prezidaantiin mootummaa bulchiinsa Oromiyaa obbo Muktaar kadir galgala kana ibsa sabaa himaa irratti kennaniin gaaffii, yaaddoo fi shakkii uummanni Oromoo qabu irratti ifatti mari’atamee walii galteen utuu hin jiraatin plaaniin Finfinnee kun hojii irra kan hin oolfamne ta’uu dubbatan. Mootummaan Oromiyaa iftoominaan wal hubachuun hanga hin jirretti gara Raawwiitti hin seennu jedhan.

Your browser doesn’t support HTML5

Hiriiraawwan Mormii Awstraaliyaa, Noorweey fi Amsterdaam