Oromootii Kanaadaa Magaalaa Ottawaatti Hiriira Bahanii Rakkoolee Naannoo Oromiyaa Mootummaa Kanaadaatti Himatan

Hiriira Mormii Ottawaa, Kanaadaa

Akka warrii hiriira qopheesse jedhetti namii hagii tokko saatii 4-5 makiinaa oofee dhufe.Magaalota akka Torontoo,Waaterluu,Ottawaa fi gara garaa dhufan.

“Barattoota Oromoo hidhuu fi ijjeesuun haa dhaabatuu!Qonnaan bultoota Oromoo lafa irraa buqqisuun haa hafuu!Warri ijoollee Oromoo fixe murtii haa dhiyaatuu fi waan gara garaa gaafatan.”

Bakkalcha Abdoosh warra hiriira mormii kana Ottawaatti qopheesse keessaa tokko“Embaasii Itoophiyaa,CBC(Canadian Broadcasting Corporation) Paarlaamaa Kanaadaa,Ministera Haajaa Alaa Kanaadaa, Embaasii USA Ottawaa jiru duratti hiriira baana.”

Najaat Nureddiin Kanaadaa,magalaaa Torontoo dhufte ”barattoota haqaaf falmatan ijjeesuun akka dhaabbatu falmachuu fi barattoota Oromoo waliin dhaabbachuuf dhufee.”

Raayyaa Caalaa Torontoo dhufe “Kanaadaan hamma hammaatti callisaa turee…mootummaan Kanaadaa doolara miliyoona hedduutiin Itoophiyaa gargaaraa jira horiin sun garuu ummata keenna hiraarsaa waan jiruuf akka gargaarsii sun dhaabatu barbaanna.”

Warrii hiriira bahe kun akka mootummaan Kanaadaa rakkoo Oromoon keessa jirtu hubatu gaafachuuf waajjira mootummaa biyya sunii gara garaatti xalayaa galfanne jedha.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutuu armaan gaditti dhaggeeffadhaa