Paartii Demokiraati keessaa warrii Amerikaa bulchuuf wal dorgomuutti jiru waluma jalaa wal buusaa 20 keessaa 10 walti hafe

Democratic Presidential Candidates

Qaraa 20tti jalqabee amma amma waluma jalaa bubbu’aa asi gahe.Warrii paartii demokriaati keessaa pirezidaanti US,Donaldi Tiraampi moo’ee biyya bulchufu dorgomuutti jiru waluma jalaa bu’ee amma 10tti walti hafe.

Jarii walti hafu kun Fulbaana 12 TV irratti bahee hayyuma walti dhawatee laafinnaa fi yareennaan wal hima.

Warra uf jalaa hambisan keessa tokko Senator Kirsten Gillibrand, hujii tana irratti deeggarsa guddaa dhabdee ufi irra lakkifte.

Akka seera filannoo Amerikaatti namii tokko yoo lafa itti dorgoman afur keessatti nama harka %2 fi nama kuma 130 ka dorgommii pirezidaantummaa irratti isa gargaaru argachuu baate dorgommii keessaa baasan.

Gillibrand malee Senator Michael Bennet, Congresswoman Tulsi Gabbard, nbiliyineericha Tom Steyer fi qabsooftuu mirga namaa Marianne Williamson fa.

Warrii amma walti hafe 10n

  • Itti aana pirezid. Durii Joe Biden
  • Sen. Cory Booker (New Jersey)
  • South Bend, Indiana, bulchaa magaalaa Pete Buttigieg
  • Itti gaatamaa misooma manaa fi ijaarasa Julián Castro
  • Sen. Kamala Harris (California)
  • Sen. Amy Klobuchar (Minnesota)
  • Bakka bu’aa magaala Beto O’Rourke,Texas)
  • Sen. Bernie Sanders (Vermont)
  • Sen. Elizabeth Warren (Massachusetts)
  • Andrew Yang, daldaa

Pirezidaanti Tiraampi yoo barii toleef lammeeffatee Amerikaa bulcha tahuu baanaan nama itti aanutti irraa fuudha.

Amerikaan guyyaa 432 keessatti pirezidaantii filatti.