Paartiin Badhaahinaa Filannoo Dhiheenya Geggeessamerratti Injifannoo Guddaa Argachuu Boordiin Filannoo Beeksise 

  • VOA

Faayilii - Muummee Ministiraa Itoohpiyaa, Abiyyi Ahimad

Ka taayitaa mootummaa harkaa qabu, Paartiin Badhaadhinaa, lakkoobsa barcuma paarlaamaa mootummaa hundessuu isa dadeessisuun filannoo dhiheenya geggeessame injifachuu isaa, Boordiin Filannoo Itiyoophiyaa Sanbata dabre, Adoolessa 10, bara 2021 ibsa baaseen beeksisee jira. Akka ibsa kanaatti, barcumoota mana-maree bakka-bu’ootaa 436 keessaa, Paartiin Badhaadhinaa 410 injifate.

Manneen-maree bakka-bu’oota naannoolee keessatti, barcumoota haga xiqqoo irraa kana hafe, paartichi mootummaa irra-hedduu injifachuu isaa Boordiin Filannoo Biyyoolessaa kun beeksisee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Paartiin Badhaahinaa Filannoo Dhiheenya Geggeessamerratti Injifannoo Guddaa Argachuu Boordiin Filannoo Beeksise