Paartileen Mormituu Bulchiinsa Somaalee Keessatti Dorgoman Himata Dhiyeessan 

  • VOA

Magaala Jigjigaa

Bulchiinsa naannoo Somaalee keessatti dorgomuuf kan qopha’aan kan jiran paartileen mormiituu fi kaadhimamtoonni dhunfaa walii wajjiin ibsa baasaniin Bordii Filannoo fi paartii naannoo sana bulchaa jiru himatan.Deemsii filannoo jiru paartii biyya bulchaa jiruuf looga jedhan.

Paartiin bulchiinsa naannoo somaalee bulchaa jiru gama isaan kanneen filannoo rawwachiisanii ta’e wal taasiiftoota irratti komeen yoo jiraate baatii 3 dura dhiyeessuun furmaata gaafachuun ituu irra jiruu, namoota sagalee kennan galmeessuun yeroo jalqabameetti ibsa kana baasuun filannoo Kanaan ni injiifatamna yaaddoo jedhu irraa kan maddee ta’u malaa jedheera.

Paartileen sadeen komee dhiyeessa Adda Bilisummaa Ogaadeen ykn ONLF, Izeemaa fi paartii Natssaneet innaa Ikkulinat jedhaman ta’uun ibsamee jira.

Bordiin Filannoo gama isaan paartilee komee dhiyeessan Finfinneetti waamee mari’achiisaa kan jiru tau Addis Chekool gabaasee jira.