Perezidaanti Obaamaan ISIS Hinuma Dhukeessina jedha

Pirezidaanti Obaamaa

Perezidaanti Obaamaan yoo guyyaa dheengaddaa waan nagaa Amerikaatii fi doorsisa ISIS ilaalchiee TV irratti ummata Amerikaatti waan heddu jedhe:”Sodaa mitii bilisummaatti caala humna qabaa.”

Obaamaan ISIS Siiriyaa fi Iraaqi keessaa balleessuuf ittuma duullaa jedhee mirkanse dubbate.Obaamaan eegii dhiirsaa fi niitiin Amerikaa magaalaa San Bernaandiinootti nama 14 qawween fixanii heddu mammadeessan bahee dubbate.

ISIS jarii kun deeggartoota keenne jedhe namii Amerikaa ammoo miseensa ISIS jedha.

Milishootii Islaamummaa,ISIL milishoota Islaamummaa seera shariyaatiin nama bulchuuf loluutti jiran.Sadaasa dabre qofa Paarisitti bombiin nama fixanii xuyyuura Raashiyaa Masriitti dhanii buusanii, Baangilaadishitit billaan nama wawwaraan.

Perzdaanti Obaamaan warra nagaa nu dhowwu hinuma dhukkeesisnaa jedha.

“ISILii fi warra nagaa nu dhowwuu fedhu daaraa tolchina.Milkaahinnii keenna dubbii jajajbduu dubbachuu ykn ammoo faaydaa keenna dhiisuu ykn sodaa keessa jiraachuu miti.Warriia akka ISIL faatii waan akkasii fedhan.Nu sunii miti.Qaroomnee, jabaannee, humna haareffachaa jabeenna Amerikaa cufaa qabaachuu feena.”

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutuu dhaggeffadhaa.

Itti gaafatamaan nagaa biyya keessa Amerikaa paartii Rippaabilikaan, Maaykil Makkool perezidaanti Obaamaan nagaa Amerikaa eeguuf karoora haaraa qabaachuu malee jedha.

“Na geetti.Adoo doorisa arginuu akka nama hin arginee hin taanu.ISIS harkaa nama baatee baballachaa nagaa biyya bilisoomtee jeeqaa deemuutti jirti.Torbaan sadii qofa keessatti biyya sadii lolte.”

Makooliin torbaan dhufu keessa karaa nagaa Amerikaatiin eeganiin ka nama biyya seenee bahuun tohatan baasee dhiyeessuuf qophii jira.Woma taateefuu mala ISIS lolan irratti paartileen Amerikaa lamaanuu Rippaabilikaanii fi Demokiraati yaada mataa ufii qaban.

Milishootii ISIS Iraqii godina Anbaaritti, Siiriyaa godina Raqqaatti humna jabeeffachaa Liibya,Yemen, Somaaliyaa, Afgahanistaan,Pakistaanii fi naannoo akka akkaatti baballachaa yaahuutti jiran.

Perezidaanti Obaamaan ISIS achii baasuuf akka Kongireesiin Amerikaa waranaa hajaju gaafachumatti jiraa taatullee paartiin Rippaabilikaan dubbii tana mariitti hin dhiyeessine.