Kaadhimamtoonni Presidentummaa Ameerikaa falmii Na filadhaa Itti Fufan
Kaadhimamtoota Presidantummaa Ameerikaa Barack Obama fi Mitt Romney
WASHINGTON DC —
Falmii dorgommii presidentummaa United States Roobii darbee ilaalchisuu dhaan komishina mirga namaa mootummaa Ohio irraa Dr. Beyan Asoobaa ibsa nuuf kennanii jiru.
Kaayyoon falmii dorgomii presidentummaa kanaa maali, kaadhimamtoonni lamaan president Barack Obamaa fi bulchaan kutaa massachusetts duraanii Mitt Romney falmiin geggeessan maal irratti hundaa’e isa jedhu Dr. Beyan ibsanii jiran.