Prezidaant Traamp Chaayinaa Akeekkachiisan

Chaayinaan walii galtee daldalaa haaraa tolfachuu irraa duubatti harkifatte jechuun prezidaantiin Amerikaa Donaald Traamp akeekkachisanii jiru.

Kunis filannoo prezidaantummaa bara 2020 akka Traamp injifataniif abdii kenne jedhamee jira. Traamp gama Taariifa dabaluun Chaayinaa waliin dorgommii keessa kan jiran yoo ta’u Amerikaan Chaayinaa waliin marii gaggeessitu gaarii ta’u dubbatan.

Mariin marsaa itti aanu gara dhuma baatii kanaatti Waashington keessatti gaggeeffamuuf kan walii galamee ta’uus guyyaan bellamaa qabame hin jiru.

Chaayinaan mootummaa haaraa argamu waliin dubbatanii akka dur baran sana Amerikaa saamuu kan fedhan ta’u nana beeka jedhan Traamp.