Prezidaantiin Taanzaaniyaa Duraanii Du'aan Boqatan

  • VOA

Prezidaantiin Taanzaaniyaa duraanii, Benjaamiin Wiiliyaam Makaappaa, umurii isaanii wagaa 81tti har’a du’aan boqotan.

Prezidaantiin biyyattii Joon Magufulii, prezidaantichi duraanii – Makaappaan, otuu Hospitaala Daare Salaamitti wal’aanamaa jiranii har’a ganama du’uu isaanii, har’uma televiiziyoona biyyatiin beeksisan.

Alaabaan biyyattii akka walakkaatti gadi butamee fannisamuu fi biyyattiin guyyoota toorbaaf akka gadditus labsanii jiran – Prezidaant Magufuliin.

Makaappaan, bara 1995 irraa eegalanii haga bara 2005tti Taanzaaniyaa kan hoogganuun, hoogganaa itti aanan – Jaakaayaa Kikweeteetti taayitaa dabarsan.

Sana dura immoo, Ministara Dhimma alaa, Ministara Beeksisaa fi Kaanaadaatti Ambaasaaddara Taanzaniyaa tahuun hojjetanii turan.