Prezidaantiin Yamaan Filannoo Waggaa 2 Booda Gaggeeffamutti Hin Hirmaatan

  • Namoo Daandii

Sana'aa Yamaan keessatti kamiisa har'a hirirri mormii fi deggersa mootummaa gaggeefamee jira. Prezidaant Alii Abdullaah Saaleeh kaleessa paarlaamaa biyya isaanitiif akka ibsantti, filannoo waggaa lama booda gaggeefamu irratti kan hin hirmaanne ta'uu beeksisan. Jecha isaanii kaleessaa kana hordofee ture hirirri har'aa kan geggeefame.

Yamaniin waggootii 32f kan bulchan Saaleeh hirirrii gaggeefamuuf karoorfamee kam iyyuu, akka dhaabatuuf gaafatan. Hiriira har'aa kana ilaalchisee baqataan Oromoo tokko gamasii kan jedhe MP3 tuquun dhaggefadhaa