Kan hanga tokko ofiin of bulchiitu Puuntland, hanga fooyya'iinsi heera mootummaa giddu galeessaan ragga'e rifarandamii guutuu biyyattiitiin ragga'utti, sirna federaalaa biyyattii keessaa baatee of dandeesse akka of bulchuu Dilbata kaleessaa ibsiteetti. Paarlaamaan federaalaa kan magaalaa Moqaadishoo keessaa, Smabata darbe jijjiirraa heeraa sirna siyaasaa tasgabbaa’aa diriirsuuf mootummaan barbaachisaa dha jedhe hedduu raggaasiseera.
Qeeqxonni akka jedhanti, jijjiiramni kun filannoo pirezidaantii kallattiin gaggeeffamuu fi pirezidaantichi hayyama paarlaamaa malee muummicha ministeeraa akka muudu taasisuu dabalatee aangoo harka hojii raawwachiiftuutti akka walitti qabamu dubbatu. Manni maree ministeerota kutaa biyyattii ibsa baaseen, “Puuntland hanga mootummaan federaalaa heera mootummaa rifarandamii Puuntland irratti hirmaatuun irratti waliigalame jiraatutti of danda’ee sochooti” jedheera.
Lootee seentummaa al-Qaayidaa waliin walqabatee jiru dhaabuuf, saamicha galaanaa deebi’ee lafa ka’uu akkasumas, naannoo Somaliland buufata doonii Itoophiyaaf kireessuuf walii galtee booda, aangoo federaalaa mirkaneessuuf rakkachaa kan jiran Pirezidaant Hasan Sheek Mohamudiif kun, mataa dhukkubbii kan biraati.