Garee Riphxee looltoota Ugaandaa Lords Reziistance Armii jedhamu keessatti ajajaa sadarkaa giddu galeessaa kan ta’an Toomaas Kwoyelo Jimaata har’a Yugaandaa keessatt,i yakka waraanaa, ajjeechaa, gudeeddii, garbummaan nama qabachuu, dararuu fi butuu dabalatee hidhaa waggaa 40 irratti murtaa’e jira.
Kwoyelo baatii Hagayyaa dabree keessa yakka waraanaa kudhanii olii kan itti murtaa'e yoo ta'u, qondaalli sadarkaa olaanaa akka isaa qaama haqaa Yugaandaan murtii argachuun isaa yeroo jalqabaa ti.
Dhuma bara 1980moota keessa kaayyoo mootummaa kuffisuuf kan hundeeffame gareen Riphxee looltootaa LRAn, maadheelee Yugaandaa gama kaabaa irraa waraana waliin yeroo wal lolu, hoggansa Jooseef Koonii jalatti gara waggoota 20f lammiilee Yugaandaa irratti gara jabeessa ta’eera.
Abbootii murtii afran keessaa tokko kan ta’an haati murtii Duncan Gasagwa, “yakkamaan kun karoora, tarsiimoo fi raawwii qabatamaa yakkoota ulfaatina garmalee qaban keessatti gahee olaanaa taphateera,” jedhan.
Miidhaamtoonni dhukkubbii fi gidiraa qaamaa fi sammuu hamaat waliin hafaniiru" jedhan.
Kwoyelo yeroo dhaddachaatti himannaa kana haalee ture. Abukaatoon isaa Kaaleb Alakaan murtii kenname irratti ol'iyyannoo akka dhiyeessu mana murtiitti himeera.
Naannoo bara 2005tti dhiibbaa waraanaatiin LRA gara bosona seera hin qabne Sudaan Kibbaa, Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo fi Rippabiliika Afrikaa waaltaatti baqatee, achittis namoota nagaa irratti jeequmsa kaase.