Rakkooleen Baqattoota Awurooppaa Jeequmsatti Jijjiiramuu Akka Danda’u Mootumman Gamtoomanii Akeekkachiise

Baqattoonni Giriik gahan nyaata hiramaa jiru oggaa fudhatan, 2015 (Rooyters)

Gabaasni Mootummota Gamtoomanitti dhaabbanni baqattootaa,UNHCR baasee lakkoofsi baqqattootaa fi godaantota Giriisitti dahoo barbaadanii 24,000 gahuu isaatiif kana keessaa 8,500 qarqara Masaadooniyaatti gara dhaqan dhabaanni han jiran ta’uu agarsiisa.

Baayyinni baqattoota kanaammoo hanqinaa nyaataaf dhugaatii, bakka dahoo godhatanii fi rakkoo qulqullinaa eggachuudhan wal-qabatee dhufu hammeeseera jedha, gabaasnni kun.

Viinseenti Kochiteel UNHCRtti geggessaa dhaabbata rakkoo baqqattootaa Awurooppaati. Daangaa Baalkaanitti bayyinnii fi walitti ukkaamamuun keessa darban baqqatootaa fi godaantota kana biratti sodaa guddaa uummera jedha.

Mormiin baqattoonnii fi godaantoonni hojaadura,kaleessaa, daangaa Masaadooniyaatti godhan, poolisiin gaazii imimmaanesuu itti facaasuu isaaniitiin gara jeequmsaatti geedaramee ture. Poolisoonnis han gaaziicha facaasee jara kana dallaa shiboo irraa akka fagaatan gochuufiyyu jedhameera.

Bara kana,2016 qofa namoonni 132,000 galaana Medeteraaniyaanii cehaniiru, hundi isaanis Giriisi seenaniiru jechuu danda’ama han jedhe gabaasnni kun, kana keessa harki walakkaan dubartootaaf ijoollee ta’u mullisa.

Dubbii himaan UNHCR, Eedriiyaan Edwaardis Gamtaan Awrooppaa murtii barrengadda dabarsee, han baqattootaa fi godaantota biyyoota miseensa gamtichaa ta’an 28niif hiranii qubachiisu akka hojjirar olchuu gaafata.

Kana malee,s UNHCR biyyi Giriis daddaftee haala itti namoota baayyinaan garas godaanan kana ofitti fudhaturatti hojjachuudhafi biyyoota miseensaa Gamtaa Awuroopaa 28tanuu wajjiin jara kana qubachiisuratti haala mijeesuu qabdi jechuu isaa gabaasni kun ibseera.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasni sagalee kuunoti