Rakkoon Hongee Nutti Jiruu fi Gargaarsi Argannu Wal Hin Gitu, Jedhu Jiraattonni Booranaa 

Your browser doesn’t support HTML5

Rakkoon Hongee Nutti Jiruu fi Gargaarsi Argannu Wal Hin Gitu, Jedhu Jiraattonni Booranaa 

Hoongeen Booranatti mudate hammaatee namni gargaarsi midhaanii barbaachisu dabalaa akka jiru Waajjirri Hooggansa Sodaa Balaa Godina Booranaa beeksisee jira.

Itti gaafatamaaan waajjira Hooggansa Sodaa Balaa Godina Booranaa, Guyyoo Carfii hamma ammatti namootni kuma dhibba lamaa ol gargaarsa midhaan nyaataa hatattamaan akka barbaadan ibsanii jiran. Jiraattonni garuu deeggarsi jiruu fi rakkoon nu mudataa jiru wal hin gitu jedhu.