‘Dhiisaa “Nagaan Ha Bu’u” Jennus Nama Nu Dhagahu Dhabne’ Abbaa Gadaa Jiloo Mandh’oo

Faayilii - Abbaa Gadaa Jiloo muummee ministiraa Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad, pirezdaantii Oromiyaa duraanii fi ministera raayyaa ittis biyyaa Itoophiyaa, Obboo Lammaa Magarsaa wajjin

Godinaalee Gujii lameen keessatti nageenyi haa bu’u jennee kadhannus amma nama nu dhagahu dhabne jedhu Abbaan Gadaa Jiloo Mandh’oo.

Abbaa Gadaa akka jedhanitti qaamni hidhatee naannoo keessa socho’uu fi mootummaan lola yaa dhaaban jennee gaafannus ammaa lolli itti fufee namni miidhamaa jiraa jechuun dubbatan.

Jiraattonni Gujii Lixaa ammallee humni raayya ittisa biyyaa mana nurratti gubaa jiraa jechuun himataa jiru.

Your browser doesn’t support HTML5

‘Dhiisaa “Nagaan Ha Bu’u” Jennus Nama Nu Dhagahu Dhabne’ Abbaa Gadaa Jiloo Mandh’oo