KFO: Reebichi, Hidhaa fi Ajjeechaan Ittuma Fufee Jira

  • Tuujubee Horaa
    Namoo Daandii

Hiriira Mormii Oromiyaa

Hiriira mormii Wixata dabre, Godinaa Shawaa Lixaa, magaalaa Shananitti ba’an irratti rasaasaan madaa’e – gurbaan umuriin kudha-shanii kaleessa du’ee har’a awwaalamuu isaa dubbatu, maatiin isaa. Abebe Lataa Guddataa jedhama, gurbaan kun.

Walakkeessa baatii Sadaasaatti kan Oromiyaa keessatti jalqabe hiriirri mormii amma ille akka itti fufee jiru ka dubbatan dura-taa’aan Koongiresa Federaalawa Oromoo, Dr. Mararaa Guddinaa, hidhaa, reebichii fi ajjeechaan humnoota mootummaas bakkawwan hedduutti uummata nagaa irratti geggeessamaa jira, jedhu.

Mararaa Guddinaa yeroo walgahii dhaabni MEDREK bara 2010 oromiyaatti waameratti haasaha godhu[Footoo faayilii Rooyteers]

Shawaa Lixaa, aanaa Jibaat keessatti dargaggoon tokko ajjeesamuu, Arsii Nagallee keessatti immoo namoonni lama ajjeesamuu isaanii dubbatan, Dr. Mararaan. “Wallagga Bahaa, magaalaa Arjoo Guddattuu keessattis namni ajjeefamuu odeffannoo argadheen jira” jedhu.

Hoogganoonni paartii isaanii mana hidhaa waaltaa qorannaa “Maa’ikelaawii” jedhamutti hidhamanii jiran akka maatii isaanii wajjiin wal-argan eyyamuu isaa ilaalchisee ennaa dubbatan, “lubbuun jiraachuu isaanii maatiin isaanii arguun iyyuu waan guddaa dha”. Garuu, motummaan gama biraan namoota hidhuu, reebuu fi ajjeesuu irraa of hin dhaabne. Uummatnis akka duriitti callisee isaaniif bitamaa hin jiru, jedhan.

Your browser doesn’t support HTML5

Guutummaa qophii keenyaa dhaggeeffadhaa.