Saawudi Arabiyaan Gaazexessaa Jamaal Khashoggi Du'uu Beeksiste 

  • VOA

Gaazexeessan lammii Saawudii Arabiyaa ta'e, Jamaal Khashoggi erga torban lama dura qontsilaa biyyattii Turkiitti argamu dhimmaaf seenee booda asbuuteen isaa dhabamee tureera.
Guyyaa harraa "bu'aa qorannoo godhamaa tureeti" jechuudhan ibsi Saudii irraa kenname garuu Jamaal namoota qonstilaa san keessa turan wajjin lola keessa galuu isaatiin sanuma keessa lubbuun isaa darbuu ifa godheera.

Du'a gaazexeessaa Jamaalin wal-qabatees namoonni 18 to'annaa jala oolfamuu fi hoggantoonni olaanoon lama angoo irraa kaafamuu ibsi abbaan alangaa mootummaa Saaudii galgala kana baase eerera.