SADC akka waraannii itti fufu murteesse

  • VOA

FAAYILII - Pirezdaantii Mozaambik Filiippee Nyawusii, Fulbaana 25, 2021.

Dhaabanii misoomaa hawaasa biyyoottan Afrikaa kibbaa Inni SADC jedhamee beekamu, guyyaa kaleessaa Maalawii keessatti wal gahii taasiseen waraana dhaabbatichaa jalatti gurmaa’uudhaan Moozambiik keessa jiru akka lola isaa itti fufu murteesseera.

Wagga darbee hidhattoonii amantaa Isilaamumaa hordofu jedhaman Moozaambiik kaabaa kutaa biyyaa Kaaboo Delgaadoo jedhamuu keessatti jiraattota shororkeessa jiru jedhamee waraanni biyyootan miseensa SADC keessaa walt qabame lola irratii akka bobba’u taasifamee ture.

Hogantoonni biyyoottan Afrikaa kibbaa lolli hidhatootaa irratti banan milkaawaa akka jiru yemmuu himan, xiinxaltoonni garuu rakkinichii ammayyuu akka fala hin argannee himanii mariin akka barbaachisaa ta’e dubbachuu isaanii gabaasin Lameck Masina , Maalawii Bilaantaayer irraa ibseera.