Seenaatar Joon Makeen Du'aan Boqatan

John McCain

Seenaatariin Yunnaaytid Isteets ummata biratti kabaja guddaa qabanii haawaasa ballaa biraa "goota" maqaa jedhu argatan, senaatar Joon Makeen kaansarii sammuu dhukkubsachaa turnii Sambat-duraa harraa umurii isaanii oggaa 81-ttii addunyaa irraa du'an boqachuu intalli isaanii Megan Makeen ibsa baasteen beekisiteetti.

Seenaatar Makeen hunda caalaa an beekkaman yeroo lola Veerinaam biyyaa isaanitif aarsaa kaffalaniin yeroo ta'u bara 2008 paartii repablikaanii irraa dorgommii kadhimamaa pirezdaantii ta'un mo'anii turan.

Pirezdaant Doonaald Traamp ergaa karaa twiteerii dabarsaniin maatii Joon Makeeniif jajjabina hawwaniiru.