Shamarree Gabaa Dirree Internteetii Irratti Faaya Oromoo Dhiheessitu

Elsaa Tolaa faaya callee oggaa dirtu

Gabaan Elsaa Tolaa wayaa fi faaya Oromoo gurguruuf karaa dirree internteetii, marsariitii ishii ‘Oromo Made’ irratti oggaa tokko dura bante oo’era.

Qanafaa, lakkaa, jomoree, machallaa, callee mormaa, gurraaf harkaa, uffata ijoolleef nama guddaa dabalee waan adda addaa dhiheessaa jirti, Elsaan.

Abbaan barbaade suuraa mihaa fi wayaa jaalate marsariituma ‘Oromo Made’ irratti maxxansitu laalee kompiitarii hookan bilbila ofiirraa ajejata. Elsaan manumatti ergitiif.

Faaya gabaa "Oromo Made'

Hojii uggurri weerara vaayrasii koronaa mana ishii oolchinaan yeroo argattee jalqabde kanatti akkamitti akka seentee fi mullata qabattee kaate irratti mari’achuuf keessummaa Labataa godhannee, dhaggeeffadhaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Shamarree Gabaa Dirree Internteetii Irratti Faaya Oromoo Dhiheessitu