Sirni Awwaalcha Lallabaa Wangeelaa Beekamaa Biilii Girahaam Raawwatame

  • Tuujubee Horaa

Lallabaa Wangeelaa Biilii Girahaam

Lammiin Ameerikaa fi lallabaan wangeelaa beekamaan Reverend Doktor Biilii Grhaam dhalatanii waggaa 99tti Guraandhala 21 bara 2018 Shaarlet Kaarolaayinaa keessatti addunyaa kana irraa du’aan boqotan.

Reeffi Biilii Girhaam ennaa geggeessamu

Biilii Girhaam Afriikaa dhaa qabee Laatiin Ameerikaa, Eesiyaa fi Awrooppaa mara keessatti gama Televiiziyonaa fi ofii isaaniis argamanii misiraachoo Wangeelaa uummata miliyoona hedduutti lallabaniiru.

Kanaanis lubbuu hedduu gara Wangeela Kiristoos jaal’atanii fi jiraataniitti hawataniiru. Biilii Grhaam gorsaa amantii, abbaa Wangeelaa, michuu fi gorsaa prezidaantota Ameerikaa akkasumas sanyiin utuu adda hin basin fira nama maraa turan.

Sirna yaadannoo kabajaa kan namoota muraasa qofaaf biilsa mana maree bakka bu’oota uummataa keessatti raawwatamu illee isaaniif geggeesameera. Sirna kana irratti prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp, miseensonni mana maree fi maatiin Biilii Grhaam akkasumas uummati hedduun irratti argamaniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Seenaa yaadannoo Biilii Grahaam