Sirni Awwaalchaa Aadde Abbabachi Goobanaa Finfinneetti Raaw'atame 

Sirna awwaalchaa Aadde Abbabachi Goobanaa, Finfinnee, Adoolessa 6, 2021

Sirni awwaalcha nama “Maazer Tereesaa Afrikaa” jedhamuun beekamanii fi Itiyoophiyaa keessatti ijoollee haadhaa fi abbaa dhaban kumootatti lakkawaman gargaaraa turanii, kan Aadde Abbabach Goobanaa har’a magaalaa Finfinnee bataskanaa Kaateediraali Sillaaseetti rawwatamee jira.

Sirna awwalacha kana irratti ijoolleen isaan guddisan, maatii fi firoonni, qondaaltoonnii mootummaa sadarkaa olaanoo fi jiraattonni magaalaa Finfinnee kan argaman yoo tahu, itti-aantuu Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, hojjillee gargaarsaa Abbabach Gobaanaa hojjecha turan akka itti fufu taasisuuf bulchiisi isaanii deggerrsa barbachiisu hunda ka godhu tahuu dubbatan.

Sirni awalchaa Aadde Abbabachi akka aadaatti fardaan ka dabaalame ture, jetti ka sirnicha irratti argamuun gabaaste Tsahaay Daamxoo.

Your browser doesn’t support HTML5

Sirni Awwaalchaa Aadde Abbabachi Goobanaa Finfinneetti Raaw'atame