Somaaliyaan ABBO tarree Shoroorkaa Keessaa Baasuuf Murteessite

  • VOA

Asxaa Adda Bilisummaa Biyyooleessa Ogaadeen

Mootummaan Somaaliyaa Adda Bilisummaa Biyyooleessa Ogaadeen(ABBO) tarree jaarmayoota shoroorkeessootaa keessaa haquuf murteessuu isaa prezidaantiin bulchiinsa naannoo somaalee kan Itiyoophiyaa Musxafaa Mohammed Omaar simatanii jiru.

Addi bilisummaa Biyyooleessa Ogaadeen Itiyoophiyaa keessatti paartilee mormitootaa keessaa tokko yoo ta’u bara 2018 jijjiramnii siyaasaa erga argamee booda biyyatti deebi’ee.

Jaarmayaan kun ifatti qabsoo hidannoo ganuun akka paartii siyaasaa tokkotti seera qabeessa ta’e galmaa’ee jira.