Ministarri De’eetaa Ministirii Nagaa Duraanii Taayee Danda’aa Si’a Lammataaf Kamisa Har’aa Mana-murtiitti Dhihaatan

Your browser doesn’t support HTML5

Mudde darbee kaasee kan to’annaa poolisii Federaalaa jela jiran De’eetaan Ministera Nagaa duraanii Obbo Taayyee Danda’aa harra mana murtiif dhiyaatanii jiran. Dookter Tokkummaa Dhaabaa, Abukaatoon Obbo Taayyee VOA’f ibsa kennaniin yeroo Obbo Taayyeen har’a dhaddachaa Mana Murtii Federaalaa Lidetaatti dhihaatan Abbaan Alangaas himatni inni Obbo Taayyeerratti dhiheessan kan duraan miidiyaadhaan himamaa ture irraa adda tahuu dubbatan. Obbo Taayyeedhaaf akka mirgi Abukaatoo fi firoota isaanii arguu kabajamuuf gaafatanii kan eyyamameef tahuullee dubbatan.