Seward Faarmaasi - Kan Afaan Ormoo, Somaalee fi Amaaraan Miniyaapoolis-Seent-pool keessatti Hawaasa Tajaajilu

Hundeessaa Seward Faarmaasi, Dr. Eeliyaas Usoo

Kutaa Minesootaa, magaalaa Miniyapoolis keessatti bara 2019 kan hundeessame dhaabbatni fayyaa hawaasaa “Siiwaard Faarmaasii” jedhamu, miseensota hawaasaalee Gaanfa Afrikaa Miniyaapoolis-Seent-pool keessaa fi naannawa sana jiraataniif tajaajila fayyaa adda adda afaanneen Oromoo, Somaalee fi Amaaraatiin, haga manneen maammilootaatti deemuun kennaa jira.

Dhaabbatni Fayyaa Leek Istiriit irratti argamu kun, poolsiin ajjeefamuu gurraacha Ameerikaa, Joorj Filooyidii booda, saamtootaan ka diigamee ture yoo tahu, booda gargaarsa hawaasa naannootiin deebi’ee ijaarame. Qophii Fayyaa har’aaf, Alamaayyoo Qannaa, Miniyaapoolis irraa hundeessaa Faarmaasichaa, Dr. Eeliyaas Usoo fi hojjetaa faarmaasichaa dubbisuun gabaasaa qindeesse qaba. Caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Seward Faarmaasi - Kan Afaan Ormoo, Somaalee fi Amaaraan Miniyaapoolis-Seent-pool keessatti Hawaasa Tajaajilu