Tamsaasii Sagantaa Televiziyoona Haaraan Jalqabame

  • Jaallannee Gammadaa

Tajaajilii sabqunnamtii OMN,Oromia Media Network sagantaa TV Ormiyaa fi naannolee isiitti dabarsuu jalqabe

Oromiyaa Miidiiyaa Neetwoork kan jedhamu sagantaan Televiziyoona Afaan Oromoon tamsaasu Bitooteessa 3, 2014 jalqabee Ameerikaa kutaa Minisootaa irraa gara Oromiyaa biyyoota Gaanfa Afrikaa fi Giddu Galeessa Bahaatti tamsaasuu jalqabee jira.

Keeblii Arabsaatiin sagantaan torban guutuu dhiyaatu kun Aadaa, siyaasa, hawaasaa fi misoomaa akkasumas kanneen biroo kan of keessaa qabu ta’uu koree hojii kana gaggeessuuf Daayreekteera Olaanaa kan ta’an Obbo Girmaa Taaddasaa Raadiyoo sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.

Yaadi sagantaa Teleeviziyoonaa kana jalqabuu Oromoota biraa dhiyaatee deggersa uummata Oromoon kan gaggeeffamu ta’uu ibsan, Obbo Girmaan.


Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa Guutuu Dhaggeffadhaa